+251 11371 2982 aacracom@gmail.com

ዛሬ ማለዳ በዘውዲቱ መታሰቢያ ሆስፒታል የገነባነውን እና ለሀገራችን የመጀመሪያ የሆነውን የህጻናት የነርቭ እና ህብለሰረሰር ቀዶ ጥገና ህክምና የልህቀት ማዕከል አስመርቀናል።

ዘመናዊ የህክምና መሳሪያዎች የተሟሉለት ይህ የልህቀት ማዕከል በዓመት ከአምስት ሺሕ በላይ ለሚሆኑ ህጻናት አገልግሎት የሚሰጥ ሲሆን ለሀገራችን ህጻናት ትልቅ አስተዋፅዖ ያለው እንዲሁም ከተማችንን ህጻናትን ለማሳደግ ምርጥ አፍሪካዊት ከተማ ለማድረግ የጀመርነውን ስራ የሚደግፍ ነው።

ከጊዜ ወደ ጊዜ እየጨመረ የመጣውን የተገልጋዮች ፍላጎት ለማስተናገድና በጤናው ዘርፍ መሰረታዊ ለውጥ ለማምጣት ትኩረት ሰጥተን በመስራት ላይ የምንገኝ ሲሆን፣ በዘውዲቱ መታሰቢያ ሆስፒታል ለገነባነው ለዚህ የልህቀት ማዕከል የሪች አናዘር ፋውንዴሽን ላደረገልን አስተዋፅዖ በነዋሪዎቻችን እና በራሴ ስም ላመሰግን እወዳለሁ።

ፈጣሪ ኢትዮጵያን እና ህዝቦቿን ይባርክ

Har’a ganama Hospitaala Yaadannoo Zawdituutti kan ijaarsifne fi biyya keenyatti isa jalqabaa kan ta’e giddugala gahumsa narvii daa’immannii fi yaalii baqaqsanii yaaluu dugugguruu dugdaa eebbisiifneerra.

Giddugalli gahumsaa kun meeshaaleen yaalaa ammayyaa kan guutameef waggaatti daa’imman kuma shanii ol ta’aniif tajaajila kan kennu yoo ta’u, daa’imman biyya keenyaaf shoora guddaa kan qabu akkasumas magaalli keenya daa’imman guddisuuf magaalaa filatamtuu Afrikaa taasisuuf hojii eegalle kan deeggarudha.

Fedhii tajaajilamtootaa yeroo gara yerootti dabalaa dhufe keessummeessuu fi damee fayyaatiin jijjiirama bu’uuraa fiduuf xiyyeeffannoo kenninee hojjachuu irratti kan argamnu yoo ta’u, Hospitaala Yaadannoo Zawdituutti kan ijaarame giddugala gahumsaa kanaaf gahee Riich Anaazar Faawondeeshin nuuf taasiseef maqaa koo fi jiraattota keenyaan galateffachuun barbaada.

Waaqni Itoophiyaa fi uummata ishee haa eebbisu

Comments are closed.